Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
Oduu

Kabajaa Guyyaa Goototaa fi Ibsa Ejjennoo Degertoota ABO Oromiyaa!
(Madda Oduu ABO/MOA/, Ebla 23, 2008) Barattoonni Oromoo university Hawaasaa guyyaa gootota Oromoo kan ABOn baroota digdamaa dura labsame Ebla 15,2008 haala gaariin yaadatanii oolanii jiruu, haaluma kanaan galgala isaa walitti dhufuun dungoo qabsiisanii dhaadannoolee gara garaa dhageessisuun osoo yaadataa jiranii Wayaanoti poolisoota fedraalaa baayyinaan gama mooraatti itti bobbaasanii qophii kana fashalshiiruu yaalii godhchuun isaanii beekame.Baratooti Oromoo ayyaana kana irra turan martinuu tokkummaan wal cinaa dhaabachuun akkuma gootota keenya gammoojjii Shinniggaatti waliin dhumanii jedhchuun tokkummaan dhaabatna jedhchuun poolisii Wayyaanee meeshaa waraanaa guutuun deemtu dura dhaabachuun qanessanii of irra akka deebitu taasisanii jiru.Haala kanatti kan aaran Wayyaanonni human poolisoota fedraala dabalata hedduminaan dabaluun barattoota rakkisuu yaalii godhan iyyuu baratooti Oromoo ayyana kana sirnaan gaggefachuu fi murtii fi kutannoo garaagaraa baafachuun milkii fi injifatnoon xumurachuun gabaafame.
 
Murtii fi Kutannoon baratoota Oromoo kunis
  1. Hamma QBOgalma ga'utti kaayyoo gootota keenyaa ABO cinaa hiriirree galmaan ni geenya!!
  2. Dhaaba keenya ABO cinaa dhaabannee qabsoo ummata keenyaa ni cimsinaa! Ummati Oromoos gamtaan dhaaba keenya cinaa akka dhaabbatu yaamicha keenya dabarsina!
  3. Tokkummaa Ummata keenyaa eeguuf kanneen farra tokkummaa tahanii fi garaagartummaa Oromoo keessatti deemsisan akeeka diiga kana fashachiisuuf  hanga dhumaatti dura dhaabatnaa!
  4. Hidhaa, reebichaa fi barumsa irraa ari'amuun qabsoo Kenya irraa of duuba nu hin deebisu!
  5. Oromummaa fi ABO akka qaroo ija keenyaatti ni tiksina!
Gadaan Gadaa Bilisummaati!
Injifannoo Ummata Oromoof!!
 
MOA
   
(Madda Oduu ABO/MOA/, Ebla 23, 2008) Oromiyaa bahaa keessaatti sabboontonni barattoota Oromoo sad.1ffaa,2ffaa University  fi uummaata keessaa maqaa maadhee  BAKKAALCHA BARII  jedhamu jalatti walitti dhufuun Ebla 15/2008 guyyaa goototaa sabasa godhachuun walittii dhufanii haala qabsoon Oromoo  har'a irra jiru irraatti marii baldhaa geggeessuudhaan sochii ABOn irraa jiru dinqisiifachuun akka cinaa dhaabbatanii kaayyoo kana bakkaan gahuuf jedhcha waadaa isaanii haaromsanii jiru.     
Akkasumas kaayyoo qabsaa'onni keenya irratti wareegaman galmaan ni geenya, jedhanii murtoo fi ejetnoo garaa garaa fudhachuun beekame. Kana waliin wal qabatee sochii waraanni bilisummaa Oromoo biyya keessatti godhaa jiruu fi tarkaanfii bakka bakkatti fudhataa jiru dinqisiifachuun akka cinaa dhaabatan murteeffatanii gumaacha WBOf oolu maallaqa battaluma sanitti ABOf gumaachuun kanuma waliin gabaafamee jira.milkiin xumuratanii jiru.
 
MOA
   

Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net